News

Ashiishiin qarshii Keenyaa miliyoona 1.5 ga’u Mooyyaleetti qabame

By , August 7, 2022 6:10 pm

Poolisiin Keenyaa qorsa sammuu nama hadoochu/ashiishii dira Mooyyalee, Buutiyyeetti qabe. Namichii gaarii sun oofu poolisii arginaan nama lammii Itoophiyaa isa waliin ture lakkisee baqate jedha poolisiin. Ashiishiin qabame qarshii Keenyaa shilingii miliyoona 1.5tti tilmaamama. Ashiishiin sun silaa gara Naayrobiitti dabarfamuuf deemaa jirti.

Akkasuma torbaan sadii ka dabre poolisiin ashii kiiloograam 2 394 Dambalaa-facanaatti qabee ture. Ashiishiin sun qarshii Keenyaa shilingii miliyoona 45tti gurguramuu danda’a jedhanii tilmaaman. Namichii gaarii sun oofaa ture waan baqateef poolisiin namuu qabuu hin dandeenne.

Ijoolleen ka’imaa ta Mooyyalee, Marsabeetii fi Isi’olloo hedduun qorsa sammuu nama hadoochuuttu waan fayyadamaniif jireennii isaanii hammattee ufii fi maatii isaanii gargaaruu hin danda’an. Wannii kun uumata naannoo tana keessa jiraatuuf rakkoo guddoo ta’ee jira. Ijoollee tana deebisanii jireenna isaanii ijaaruun akka barbaachisu bulchootaa fi warrii waan qorsa seeraan alaa gurguruu hambisuu irraatti hojjatu jabeessee dubbata.

BGM