News

Mootummaan Itoophiyaa Masara birrii biliyoona 49 ijaaruuf

By , May 24, 2022 5:58 pm

Akka gaazexaan Reporter gabaaseetti, mootummaan Itoophiyaa masara gatiin isaa birrii biliyoona 49tti tilmaamamu ijaaruuf karoorfatee jira. Masarii mootumaa ka ammaa fuula duraaf ‘Unity Paarkiin’ walqabatee karaa daawwannaatiin akka galii mootummaaf galchu dubbatan. Hidha laga Abbaayaatti aanee projektiin Itoophiyaa keessaatti qarshii hagas guddootiin duraan ijaarame hin jiru. Masara mootummaa kana ijaaruuf lafa hektaara 503tti barbaachisa. Namootii kuma hedduutti lakka’aman ka duraan lafa sun irra jiraatan buqqifamanii bakka biraatti qubsiifaman. Gargaarsii akkam akka kennamuuf ammaatti wantii akka dansaa beekkame hin jiru.

Saatii ammaatti Itoophiyaan liqee doolara biliyoona 30 qabdi. Bankiin Addunyaa lafa waraanaan miidhamte deebisanii ijaaruuf doolara miliyoona 300 waadaa galtee jirti. Akkasuma Itoophiyaa keessaatti namii miliyoona 26 olii gargaarsa nyaataa barbaada. Namii miliyoona 5 olii lafa jireenna isaa irraa buqqa’ee baqattoota biyya keessaa ta’ee jira. Qaalayiinsa jireennaa irraa ka ka’e uumatii nyaatee dhuguun rakkoo itti ta’ee jira. Rakkoo oolaa/hongee irraa ka ka’e barattoottii horsiisee bulaa kumaatamaan lakka’aman waan mana baruumsaattiin deebi’an dhabanii manaatti hafanii jiru.

Atoo haalii armaan oliitti tuqame kun cufa biyya mudachaa jiruu mootummaan birrii biliyoona 49 masaraan ijaaruuf qophaa’uun nama hedduutti gaafii ta’ee jira. Lubbuu namaa moo masara mootumaatti dursa? Atoo rakkoo bu’uraalee uumata miidhaa jirtuutti furmaata hin laatiin maaf qarshii hagas ga’uun masara mootummaa ijaaruun barbaachise?

BGM