Aadaa Fuudha Oromoo Booranaa

By , December 16, 2023 6:55 pm

Boorana biraatti akkuma wannii cuftii (hundii) aadaa mataa ufii qabdu, fuudhilleen akkasuma aadaa ufii qaba. Booranii Durii irraa kaasee haga ammaatti aadaa fuudhaa kana Seeraa fi safuu irratti hundaa’ee qaba. Akkuma argan wal fuudhuun Boorana keesa hin jirtu. Ilmii dhiiraa ka fuudhu tokko Eessuma ufii qaba. Akka aadaa Booranaatti Sabboo fi Sabbo wal in fuutu, akkasuma Goonaa fi Goonaalleen wal hin fuune. Kana jechuun Sabboo fi Goonaatti wal fuudha jechuudha.

Aadaa kana namii cabse Boorana biratti Araamuu- kobuu jedhama. Araamuu kobuun yo waraanaallee ufi jalaa dhowwan, yo ardaa ykn Gooroo godaananillee ufi jalaa dhowwan, Barcumaa namaa gubbaa in teettu, Barcumaa isiillee irra hin taa’ani. Aadaa fuudha Booranaa keesaa ka guddoo filatamaa fi barbaachisaa ta’e kadhaafi Awadii jedhamu.

Awadii

Akka Booranaatti, mucaan tokko dubra fudhuuf takkaan warra mucaa kadhata, takkaan immoo intala awadata. Awadiin jechuun fuudha adoo maatiin intalaa quba hin qabdnee, intala fuudhuu fedhan sun awadatanii ykn gaafii jalala dhiyeesaniif yoo walii galani ka fuudhaniidha.

Gosa fuudhaa keessaa ka 2ffaa Kadhaa yoo tahu kadhaan gosoota fuudhaa keesaa ka maatiin mucaa intala fuudhuu maatii warra intalaa bira dhaqanii (deemanii), intala isaanii akka fuudhuu barbaadan itti himuun warra intalaa waliin wal mari’achuuni intala fuudhaniidha. Kadhatan yoo taatuu kadhaan tuni guyyaa tokko qofaa miti .

Kadhaa Guyyaa jalqabaa

Guyyaa jalqabaa abbaan mucaa, intala warra garaa beekaanii mucaa ufiitii laalee akka kadhatuuf itti hima. Mucaalleen yo intala laalee jaalate abbaa ykn maatii isaatti himuun intala Daraaraa kennata. Guyyaan Kun guyyaa Daraaraa Firreessaa jedhama. Daraaraa kennan kana yo mucaan abbaa qabaate abbaan mucaa Bunaa fi Tamboo qabatee warra intalaa dhaqee Daraaraa kenna.

Kadhaa Guyyaa lamaffaa

Eegii Daraaraa kennate duuba, guyyaa qabatee ammallee kadhaa guyyaa lamaffaa dhufa. Guyyaan kun akka guyyaa jalqabaa adoo in ta’ini Guyyaa Bunaa fi Tamboollee aga guyyaa jalqabaa kaan caalaa guddisanii fidaniidha. Ammallee guyyaa kana wayaa aadaa fiddee Haadhaa fi Abbaallee uwifta. Guyyaa kana Jimaa baddaa ykn lattuu qabattee dhufa. Guyyaa kana warrii intalaa ollaa, firaa fi fiixaa ufii yaamee intala tiyyaa ilmii ebeluu kadhatee kootta jedhee itti imuun ollaa gurra buusa. Abbaan intalaa warra mucaa yo maache waan warrii mucaa fide irraa fuudhee ollaa waliin soorata. Abbaan mucaa sagantaa kana eegii xummureen duuba nagaan ruufa irra gutee ollaa ufiitti gala.

Guyyaa Sadaffaa

Guyyaa kana Abbaan mucaa dhufee “Soddoowwan intala teesan kadhachuu dhufee na kadhachiisaa ” jedhaan. yoosi abbaan intalaa yo kennuuf barbaade ”walgaafannaa ykn yo waaqii sii kenne sii kennina ” jedhaan. Kanaaf Booranii mammaakee ”wali gaafiin warra intalaa kennii “jedha. Guyyaan Kun guyyaa yaayyaa sadeenii ykn Guyyaa sadeen Sunsumaa guutatte jedhama.

Warrii intalaa yo Ama sirraa qabaate immoo, Ama akkanaa sirraa qabna, intala teenna sii kennuu in dandeennu siin jedhan. Ati immoo yakka kana yo fudhatte” Ani Dhaltii-Rimeessa “jetta. Dhaltii-Rimeessii horii qeencaati. Warrii immoo tana irraan dabree yo intala si dhowwate in dhowwata. Yo kaan immoo si kadhachiisa. Eegii guyyaa kana dabran amma wannii guddoo nama sodaachisaa in jirtu.

Guyyaa AFraffaa

Seera kadhaa keesatti guyyaan Abraffaa guyyaa mucaan intala kadhatu warra intalaa dhufu ta’a. Guyyaan kun guyyaa Buna Seennaati. Guyyaa kana Ayyaana laallatanii, Guyyaa qabatanii dhufan. Kanaaf Booranii”Dubartii Ayyaana in qabduu, ayyaanii isii guyyaa Buna seennaattii fi Guyyaa fuudhaa”jedha.

Mucaan gaafa warra intalaa dhufu mucaa lubaa ykn ka intala innii kadhatullee homaa in taane tokko waliin dhufa. Abbaalleen akkasuma jaarrolee gosaa waliin dhufa. Guyyaa kana warrii cuftii(hundii) mi’aa (uffata) aadaatiin faayamee waraana (Eboo) harkatti qabatee warra soddaa kana dhufa. Warrii soddaalleen waan cufaa (hundaa) ufii irratti quba waan qabuuf (beekuuf), warra mucaa kurfaa’ee (qophaa’ee) eega.

Warrii mucaalleen qa’ee oolee, laanumaa warra ufiitii ka’ee, surree A-addeessaa, Eboo dhedheeressaa dhufee galgalee galchuma keesa karra warra intalaatiin oli duuda (seena). Intaltii ta Afaan Gubaalaa, ta Irga booraa, Alaqaan akka Dabboo dubraa tun yo warrii dhufuu ya garaan Bishaan naqate.

Amma mucaa fi warrii mucaa dhufee karraan seenee, warra intalaa nagaa fuudhee, Eboo mikikkila mirgaatti irkifachuun oli seenan. Amma mucaan intala kadhatulleen akka dansaa ufi qopheessa. Eegii dhufaniin duuba gara intala kadhachuutti seenan. jalqaba irratti mucaan ; Aabba intala naa kenni, Aayya intala naa kenni, Soddoowwani intala naa kennaa , yeroo sadii walgula warra cufaan jedha.

Abbaa, Haadhaa fi Soddoowwan immoo “Arritii dhageettii” jedhanii deebisaniif. Mucaan gurbaa intala kadhate waliin dhufelleen; Aabba intala nuu kenni, Aayya intala nuu keenni, Soddoowwani intala nuu kennaa jedhaan. Akkuma mucaa intala kadhatee deebisan kaan,mucaa kanalleen”Arritii dhageetti “jedhan. Eegii waan kana cufaa xummurataniin duuba Intala tana kennaniif. Aga ati Buna seennaa kana kennitutti intala tana Irbii si jalaa fuudhuu in danda’a. Irba jechuun nama niitiin jalaa fagaatte (doote) jechuudha. Garuu nama niitiin jalaa dooteen alattii namii dhibiin si jalaa fuudhuu in danda’u. Guyyaa kana eegii obbaafattaniin duuba guyyaa fuudha naa tochaa dhuftan.

Guyyaa Fuudha Naa Tochaa

Guyyaa kana Abbaan mucaa dhufee, warra intalaa waliin wal mariyatee, Ayyaana laallatanii fuudha guyyaa qabatanii gargari galan.

Guyyaa Fuudhaa

Guyyaa kana ka fuudhii akka bori arra godaantee warra intalaatti qubatta. Yo godaantu kana Looniin qubatta. Loon kun; Sa’a tokko ka raaddii hootu, Sa’a tokko ka jibichii hodhu, Korma fuudhaa, jedhanii Loon kanaan qubatta. Guyyaa kana yo godaananii dhufan Gaalaan in godaananii, Harreen godaanan. Sababii Gaalii Qululluu waan ta’eef in godaanneen jedhan.

Eegii qubataniin duuba galgala fuudhaa dhufanii, karra warra intalaatiin oli duudanii Golla bulan. Amma Barraaqee ka’ani, intala Gammee saaqanii Dhadhaa dibaniif. Yo kana mucaan hidhaa baafatee Abuyyadii marxifata. Intaltii eegii dhadhaa dibaniin duuba Buchumaa fi Ciicoo baattee, siiqqee harkattii qabattee mucaa gula baati. Hidhaa mucaa immoo Buchumaa fi Ciicoo tana gubbaa ka’ani. Wannii mucaan kun hidhaa tana baafatee wayaa marxifatuuf waaqa amala intala tanaa akka wayaa marxifatan tanaa naa laafisi jechuu.

Eegii fuudhanii warra mucaa dhufaniin duuba jalqaba irratti Erbee loon duraan qalatanii karra dura buusanii irratti aanan yeroo afur, afur unsiisan. Aanan kana; Karra irratti yeroo afur, afur, Gultaa irratti yeroo afur, afur, Moonaa loonii mikikkila mirgaa birattii yeroo afur, afur unsiisanii meedhicha itti kaa’anii manatti galchan. Itti aansuun immoo Rakoo qalanii, Kolaa horii sunii Huka intalaa keesa ka’ani. Kolaa Kana namii Huka intalaa keesa kaa’u, yo intaltii Sabbo taatee mucaa Sabbooti. Yo kana “ilmaa-intala huka si kaa’e” jedhee intala Huka kaa’a.

Itti aansuun ganamee kaanii handhuraa bobbaasan. Handhuraa yeroo sadii Moonaa hoofanii, Butumee irra marsiisanii, yeroo Afraffaa immoo alattii gadi dhiisan. Arcummee fi marra Handhuraan bobbaasan immoo dhufaniinii Moonaa wadhakkaatti jissan. Kanaan duuba immoo bultii torba bulanii Handaara miicatan. Aga Handaara in miicatin raasaallee buluu in dandeettu. Eegii Handaara micatte immoo fuudhii ya obba’e jechuudha.

Meedhicha

Intaltii fuudhan takka bultii torba ykn kudhanii afuritti meedhicha keeyyachuu qabdi. Intaltii fuudhan tun aga meedhicha keeyyattutti harka warra dhalee in nyaattu. kanaafuu ariifatanii meedhicha itti kaa’uuni dirqama ta’a.duranii Akka aadaatti akkasi turte Amma turanillee meedhicha ittuma kahani

Aanunaa

Aanunaa gurbaa intala fuudhetti jaartii soddaa unsiisa. Aanunaa yo wal unsiisan jibicha Looniitiin wal unsiisan. Garuu jibichaan unsiiftee, Goromsatti jijjiiruufii in dandeetta. Aanunaa yo unsiiftu kana mucaan mikikkila Manaa ka mirgaa irra ta’ee, jaartiin immoo mikikkila keesaan teettee jibicha gaadiin qabdi. Mucaan”Aayya jibicha Ebeluutiin aanunaa si unsiisee” jedhaan. Isiin immoo “horii bulii deebani “jetteenii eebifti.

Qaraxa

Qaraxa gurbaa intala fuudhetti warra soddaatii yaasa. Qaraxa yo feete jalqaba adoo warrii soddaa si in gaafatin yaafta. Yo feete immoo yo warrii soddaa si gaafate yaafta. Qaraxii Goromsa Loonii lamaa fi jibicha tokko. Gurbaan tokko intala takka fuudhee adoo in qaraxini yo intala tanaan wal dhabee gargari ba’ani ijoolleen warrii qabu cufaa ta intalaa taati. Kanaafuu dafanii qaraxa yaasuun faayidaa qaba jechuudha. Walumaagalatti Booranii aadaa fuudhaa ta guddoo midhaadduu fi ta akka malee haqummaa irratti hundoofte qaba jechuu.

BGM