Biyyoota Awroppaa akka Italii, Ispeeynii fi Porchugaal keessaatti roobii atoo hin roobin waan tureef maddii bisaanii hedduun gogee jira. Qottee bultootii hedduun sababa bisaan dhabaniif obruu isaanii qotachuu dhabanii harka maratanii ta’aa jiru. Bonii/hongeen bifa tanaa asiin dura argamtee hin beettu jedhan. Jijjiiramii qilleensaa fulaa cufaatti mullachuun hanqinnii nyaataa akka addunyaa keessaatti guddatu taasisuutti jira.
Warrii asiin dura qurxummii qabuun jiraatuulleen bisaan galaanaa diqqaachuu irraa ka ka’e waan hojjatan dhabanii jiran. Rakkoon akkanaa kun biyyoota Afrikkaa qofa atoo hin ta’in amma jidduu biyyoota Awroppaa keessaatti mullachaa jira. Dhiyoo tanaa oowwii waan gara malee jabaateef mootummaan biyyoota Awroppaa hedduun namii akka manaa gadi hin baane murtee dabarsee ture. Biyyootii Awroppaa hedduun qorra/dhaamochaan beekkaman. Yo aduun baatuullee duraan akka biyyoota dhibii gara malee hin owwitu. Amma ammoo haalii qilleensaa akka malee jijjiiramee jira.
Biyyoota maqaan isaanii armaan oliitti tuqaman keessaatti nyaata gara garaatti omishamee biyyoota biraatti ergama. Garuu hanqinna bokkaa irraa ka ka’e kun hafee qotee bulaan hedduun manaatti deebi’ee jira. Yo haala hamaa fuula dura nama jiruuf amma hin qophaa’in uumatii keenna keessumaatti rakkoo guddaa hagana jedhanii himuu hin dandeenneetti deema. Warrii lafa bulchu fagoo ufi dura laalee uumata hambisuuf mala dha’uun barbaachisaa.