ARGAA-DHAGEETTII BOORANAA

By , May 15, 2022 11:08 am

Xachee Jiloo Xacheetiin( Bsc Degree in Physiotherapy) and 

TAARIKHII NAMA BOORANAA DURII TOKKO TOKKOO

1). LIIBANI WAATAA :- √ Qaroo Booranaati. √ Gosa Booranaa Digaluu-Walaajjii.

2). DIIDOO GAAWWALEE :- √ Janna (goota) Booranaati. √ Gosa Booranaa Kharrayyuu-Jaaruu.

3). MASULEE SAAQOO :- √ Halaqaa Booranaati. √ Gosa Booranaa Maccituu-Jawwituu.

4). ABBAAYI BAABBOO :- √ Dureessa Booranaati. √ Gosa Booranaa Dambituu-Obbituu.

5). MOROO UCHUMAA :- √ Raaga Booranaati.
6). AREEROO BOOSAROO :- √ Jaarsa argaa-dhageettii (beekhaa waan Booranaa) Booranaati.

7). HAAMANOOYYEE :- √ Jajjabduu uwwa(dhalaa) Booranaati. √ Gosa Booranaa Digaluu

8). GALGALUU DIIDA GALGALUU :- √ Jajjabduu uwwa(dhalaa) Booranaati. √ Gosa Booranaa Maliyyuu

9). BOORIIGALLEE :- √ Dubra adoo takkaa gudeedii dhiiraa itti hin dhihaatin ( Osoo durbummaa qabduu ) ganna 117 jiraattee adoo hin fuudhini doote.

10). BOOCHOLA QABBEE :- √ Dubra Booranaa ta Soomaliini fuute. √ Gosa Booranaa Kharrayyuu

11). BOORAMALLEE :- √ Ganna 96’eessootti heerumtee ganna 5’n duubatti doote.

12). DARMII LIIBANI QAALLICHAA :- √ Midhaadduu (Bareedduu) Booranaati.
√ Gosa Booranaa Noonituu-Milloo.
√ Waan sadii addaattee, waan sadii gurraattoftee, waan sadii qallattee, waan sadiin ammoo furdatte Darmiin. Sadeeni addeennaa:-
• Qeenca qubaa
• Moora ilaa(ijaa)
• Lafee ilkaanii

√ Sadeeni gurraattennaa:- • Rifeensa mataa
• Khuula ilaa(ijaa)
• Boora afaanii

√ Sadeeni qallinnaa:- • Babbassaa qubaa

• Khoomettuu miilaa
• Laawwee hidhaanaa(mudhii)

√ Sadeeni furdinnaa:-
• Sarbaan dhoblee arbaa
• Waadaa tafaa(teessumaa)
• Gurmuun qomee gororrii tahuun beekkamti.

GOSA BOORANAA

Namii gaafa qaraa fiixee Boorana akka finnaa toluutti fulaa fulaatti qoode aabba Areeroo Boruu Bakkalchaati.

Ilmaan Oromoo lamaan(2) Booranaa fi Bareentuu kheessaa Boorannii angafa. Boorannii Sabboo sadeen(3) fi Goonaa ballootti gargar ba’a. Goonaa bal’aan deebi’ee Fulleellee fi Arooressaatti gargar ba’a.

Fulleellee fi Arooressilleen gosoota torba fi saddeeti (7+8=15) ufi jalaa qaban. Gostii tamuu Manatti gargar ba’aati. Manilleen Balbalatti qoodama.

⭐Fulleellee torbaan(7) :-

1. DAACCITUU:- √Daraartuu, √Sooddituu,

2. MACCITUU:-

√Akaakoo, √Maccituu,

3. ODITUU:-

√Iddoo-Gugurdoo, √Alfaallee, √Maleekkoo.

4. GAlAANTUU:-

√Lukkuu,

5. BACHITUU:-

√Saqootaa, √Daawwee.

6. SIRAAYYUU:-

√Koollaa,

7. KOONNITUU:-

√Girree, √Aamaduu, √Sasaxxuu,

√Alchaayyaa, √Libaantuu.

√Gurguroo, √Jawwituu.

√Iddoo-Didiqqoo, √Daawwee,

√Beerrituu. √Sarbaanaa,

√Manguusaa.

√Alchaayyaa, √Muroo,

√Wayyituu,

√Luullituu,

√Abbiyyuu, √Saasaa,

√Wardaa,

√Iddoo, √Dheekkaa,

√Afaajii.

⭐Arooressa torbaan(7):-

1. ARUSII:-

√Dennuu, √Manguraa,

√Ko’eetii, √Maallantee.

√Kurasoo, √Daadaa,

√Guluu,
2. AWAXXUU:- Mana afur qabdi:-

(1)Wayyituu:-

√Addaayyuu, √Caloo, √Abbooyyee,

(2)Wal’insaa:-

√Waalloo,

(3)Muloo:-

√Soolaa,

(4)Saphansa:-

√Bokkooltuu, √Dabbaayoo.

3. QARCABDUU:-

√Gidhibee, √Dheebituu.

4. MALIYYUU:-

√Beerrituu:-(Beerree-Guddaa fi Diqqaa), √Disoo,

5. WARRAJIDDAA:-

√Ilmaan Dubannaa, √Waraguu.

6. DAMBITUU:-

√Limmuu, √Warra-gussaa,

7. NOONITUU:-

√Baarrituu,

8. ALCHAAYYAA

√Nuurtuu,

√Gallabee, √Koloon,

√Okkoya √Daraartuu.

√Killii. √Kabbisoo,

√Cooftuu,

√Iluu,

√Mana-Abduu, √Jaarsoo.

√Gooyyituu,

√Obbituu,

√Milloo.

√Buuyyaa,

√Guyyoo, √Annaa,

√Kaaroo, √Jaaroo.

√Ammooyyee,

Sabboo sadeen(3) gosa sadii qofa qabdi. Garuu Mana fi balbala hedduu waan ufi kheessaa qabduuf muummee hin qabdu.

1. DIGALUU:- Mana jaha(6) qabdi:-

(1)Nuurtuu:-

√Mixoo, √Annaa, √Gootuu, √Liibanuu.

(2)Tiittii:-

√Kooyyee,

(3)Udumtuu:-

√Bonayyaa, √Itayyaa,

(4)Walaajjii:-

√Saxxoo, √Guyyee.

(5)Eemmajii:-

√Haaru,

(6)Daaddoo:-

√Dooyyoo,
2. MAXXAARRII:- Mana torba qabdi:-

(1)Gaadullaa:-

√Keejaajii,

(2)Meettaa:-

√Garasuu, √Makarsaa,

(3)Maanqaxaa:-

√Walee,

(4)Doorannii:-

√Irricuu,

(5)Garjeeda:-

√Kaldidduu, √Daawwee,

√Jeedaa, √Dhanphuu,

√Morowwaa, √Quuffajii,

√Dannabaa,

√Wardaa,

√Gobba, √Cabdoota,

√Saabotaa,

√Buuruu.

√Baallituu, √Mana-Birreessaa.

√Uggaa,

√Iluu,

√Alakhuu, √Gardee,

√Hiddoo,

√Duganoo,

√Bilii,

√Moluu.

√Badheessaa, √Bosowwaa,

√Leelloo.

(6)Kuukkuu:-

√Tikkoo, √Bonayyaa,

(7)Karaara:-

√Borsi, √Afaajii,

√Boondii,

√Labsugaa, √Lulasaa.

√Kuuyyuu,

√Manabooyi,

√Godii, √Gamoo, √Silaluu,

√Dhanqaa.

√Liibanoo, √Jaaruu,

√Waayyuu, √Mulaataa,

√Kodheellee,

√Curroota, √Ajeeji,

3. KHARRAYYUU:- Dayyuu fi Baasootti qoodamti.
(1)Dayyuu:- Dayyuu-Qaallichaatii fi Dayyuu-Bokkichaatti qoodamti.

(1) Dayyuu-Qaallichaa:-

⭐Mana-Mayyii:-

√Qiiccaa, √Gaagurtuu, √Danoo, √Mana-Wantee, √Walaabuu.

⭐Mana-Ummur:-

√Gaadduu, √Ollee,
√Koocota, √Warra-Khulaa-Khormee, √Badii.

(2) Baaso:- Mana-Bidootii fi Mana-Gollaatti qoodamti.

√Didiimtuu, √Iyyeeyyii, √Waalee,

√Sibuu,
(2)Dayyuu-Bokkichaa:- Mana-Mayyiitii fi Mana-Ummuritti qoodamti.

√Beerree, √Manxee, √Gambura, √Buukkoo,

(1)Mana-Bidoo:-

√Itii, √Qoyyee,

(2)Mana-Gollaa:-

√Aabbolee, √Qoollituu, √Suunqannaa,

√Noonnoo, √Darasaa.

√Uchoota, √Siibaa, √Waamajii.

DHAHAA/ KALAANDERA BOORANAA

Oromoon Booranaa dhahaa mataa isaa naannoo bara 300 DhKD uumate.

Dhahaan Booranaa ji’oota 12 qaba. Dhahaan addeessa irratti waan hundaa’uf, ji’a tokko keessaa guyyoota 29 ykn 30 (Average =29.5) qaba. Kunis waggaa keessatti guyyaa 354 ta.a.

Dhahaan Booranaa addeessaa fi urjiilee irratti hundaa’a. Urjiilee laalanii ji’a edani(laakka’ani). urjiiwwan kunis:-

√ Lamii(Triangulum), √ Buusan (Pleiades),
√ Bakkalcha (Aldebaran), √ Arba Gaaddu (Central Orion),

√ Basa (Sirius) jedhamu.
Ji’ii Booranaalleen urjii olii tanaan walti hidhata qaba.

Maqaan ji’oota 12n dhahaa Booranaa:-
1. Bittatteessa (Triangulum), 2. Caamsaa (Pleiades),
4. Wacabajjii (Bellatrix), 5. Oboraa Guddaa (Central Orion-Saiph), 6. Oboraa Diqqaa (Sirius), 7. Birraa (addeessa goobane), 8. Ciqqawwaa (gibbous moon), 9. Sadaasaa (quarter moon), 10. Abraasaa (baatii guddaa), 11. Ammajjii (baatii giddugaleessa) fi 12. Gurraandhala (baatii xiqqoo).

Ji’a tokkocha kheessa guyyaan jiru maqaa ufi danda’ee qabaa malee torbaan akka Wiixataa, Kibxataa fa’aa miti. Maqaan guyyoota ji’aa 27tu jira. Kanaafis, maqaan jalqabaa lama ykn sadii ji’a tokko keessatti irra deddeebi’ama.

Maqaa guyyoota ji’aa:- 1. Bitaa Qaraa
4. Sonsa
7. Algaajima

10. Gidaadaa
13. Basa Duraa 16. Areerii Balloo 19. Adulaa Balloo 22. Garba Duraa 25. Salbaan Duraa

2. Bitaa Lameessoo 5. Sorsa

8. Lumaasa 11. Wallaa

14. Basa Balloo 17. Carra

20. Maganatti Jarraa 23. Garba Ballaa

26. Salbaan Ballaa

3. Gardaaduma 6. Rurruma

9. Arbaa 12. Ruuda

15. Areerii Duraa 18. Adulaa Duraa

21. Maganatti Biriitii 24. Garba Dullacha

27. Salbaan Dullacha

Ji’a tokko guutuuf guyyaan 2n ykn 3n hafani warruma khana kheessaa irra deebisani.

Dhawaa/Kalaandera Booranaa irratti qabxiilee 11:

√ Algaajima (Bellatrix), √ Urjii Wallaa (Saiph) fi

3. Buufaa (Aldebaran),

1• Henni Booranaa ayyaanawwan 27 irratti hundaa’a. Duraa duuba uumama waaqaa keessattis waaqni dursee ayyaanawwan 27 kana uume. Itti aansuunis baatii uume. Yeroo namni dhalatu ayyaana fi baatii itti dhalate ka’umsa godhachuun umriinsaa lakkaa’ama.

2• Dhimmoota henni Booranaa kalaandaroota biroo irraa adda itti ta’e keessaa tokko guyyaan dhimmi tokko itti ta’e yookin uumame waggaa waggaan kan hin jijjiiramne ta’uu isaati.

3• Henni Booranaa ji’oota 12 of keessatti kan qabatu yemmuu ta’u Abraasaa, Amajjii, Guraandhala, Bitooteessa, Caamsaa, Buufaa, Waccabajjii, Oboraa Guddaa, Oboraa Xiqqaa, Birraa, Ciqqaa fi Sadaasa jedhamu.

4• Sababni Booranni sadi yookin torbaan jilatuuf lafti ayyaana fi baatitti aansitee sadaffaa irratti uumamuushee isheetini. Laftis ji’a Abraasaa keessa gaafa ayyaana Areerii uumamte.

5• Ji’i ammajii immoo ho’a aduutiin beekama. Ji’a kana keessa ciminni ho’a aduu baay’ee nama yaaddessa. Boorannis “Amajii aduu yaadi” jedha.

6• Ji’oota henna Booranaa waggaa tokko keessa jiran 12 keessaa ji’ootni afur tokkon tokkonsaanii guyyoota 31 kan qaban yemmuu ta’u ji’ootni saddet immoo tokkon tokkonsaanii guyyoota 30 of keessatti qabatu.

7• Jiini Caamsaa ayyaanawwan lama ayyaana Sorsa fi ayyaana Algaajima jedhaman of keessatti qabata. Sorsi guyyaa fardi itti uumame kan lafti itti sochoote fi waaqni dhakaa lafaratti itti jigsee sochii lafaa itti dhoowwe dha. Humni wanta tokko humna fardaatin yookin ‘horse power” kan jedhamuun kan safaramus socho’uu lafaa fi uumama fardaatin wal qabata.

8• Lafti sababa cubbuu dhala namaatiin ji’a Caamsaa keessa sochoote jedhama. Waaqnis lafa socho’uu erga dhowwee booda lafti waaqaaf abboomamte. Namnis lafaaf abboomamee lafatti irreeffatee lafatti dhibaafate. Yeroo kanas namni ulfaataan yookin kabajamaan qaalluun dhalate. Kun ji’a Buufaa keessatti ta’e.

9• Henna Booranaa keessatti jiini torbaffaan Waccabajjii jedhama. Jiini kun kan namni waaqatti itti dhiyaate dha. Ji’a araaraa jedhamuunis beekkama. Gadamoojjiin kallacha hidhatanii araara galanii waaqa dhiifama gaafatan. Waaqnis waan cufa eebbise. Aadaanis ji’a kanarraa jalqaba jedhama. Guyyaan gumii Gaayyoo seera itti tuman fi kan aadaa itti himanis ji’uma kana keessa.

10• Akka Obbo Jaatanii Diidaa jedhanitti jiini Birraa ji’a waaqni itti dallane dha. Sabanisaas dhalli namaa ji’oota Oboraa Guddaa fi Oboraa Xiqqaa keessatti waaqa mufachiise.Kanaafis wantootni nama miidhan kan akka bofaa, jawwee, qoraattii fi kunneen biro ji’a Birraa keessa uumaman jedhu. Kanaaf waaqa fi nama gidduutti sodaan uummame.

11• “Namni araara hoolaa dide nama araara waaqaa dide” jedhama. Henna Booranaa keessatti jiini 12ffaa fi inni dhumaa Sadaasni ji’a hoolaa fi bunni itti uumamani dha. Jiini kun ji’a waaqni araara namaaf itti dhufe dha. Kana malees ji’a kana keessa waaqni dhibeef qoricha akkasumas seera bulmaataa kennee namarraa fagaate jedhama.

TULAA SAGLAN(9) BOORANAA

Tulaan madda bishaanii fagoo kan Boorannii jaarraawwaniif bishaan keessaa waraabee looni isaa obaasaa turee dha. Godina keessattu yeroo bonaa margaaf bishaan loonif rakkoo itti ta’e Boorana keessatti oolmaa tulaa saglan Booranaa himuun ulfaataa dha. Kanaafis tulaan dhimma bishaanii qofa osoo hin taane dhimma qabiyyee aadaa heddu of keessaa qabu. Akka aadaa Booranaatti loon bishaan tulaa dhugan umrii dheeratu, aanan qabu, dhukkubsatanii qoricha hin barbaadan. Bishaan soogidda hin qabu jedhamu bishaan tulaa loon nafa ijaaree gabbisas jedhama. “Dhagaan baatu malee bishaan hin argattu.”

Tulaan lafa loon bishaan itti obaasan qofa osoo hin taane kan dhibaayyuu itti bahanii itti irreefatanii dha. Eellii bishaanii haala teessuma lafaa, kallattii argama isaa, gad fageenya lafa keessaa fi kuufama bishaanii irratti hundaa’uun iddoo saditti qoodama.
1) Adaadii,

2) Adaadii karaabaa fi
3) Tulaan gosoota eela sadeeniti.

Gosoota eelaa kunneen keessaas tulaan kuufama bishaanii guddaa kan qabu fi kan kuufamni kun yeroodhaa yerootti jijjiirama hin agarsiisne dha. Lafti tulaawwan saglan Booranaa itti argaman lafa kaan irraa adda dha. Tulaan iddoo biyyee diimaa, boora yookin guraachatti hin argamu. Tulaan iddo lafa biyyee adii qofatti argama. Kana malees durii Booranni tulaa qotuuf iddoo mukkeen akka Odaa fi Qobboo itti biqilan ilaala. Lafti biyyee adii mukkeen akka Odaa fi Qobbo itti biqilan lafa bishaan tulaa keessaa madduu danda’u ta’uusaaf mallattoodha. Iddoo tanas uchuma buusanii, gullantaa muranii, lafa haranii tulaa qotu. Bishaan tulaa gulantaalee biyyee fi dhagaa 3-4 ta’u qotuun argama.

Akka jabana ammaa teekinooloojiin sibiilaa osoo hin babal’atiin duras Booranni dhakaa goomuutti fayyadamee dhagaa lafa keessaa cabsee tulaa qota.

Boorana keessa tulaawwan umrii dheeraa lakkoofsiisan sagaltu jiru. Tulaawwan kun bara kami keessa akka qotaman beekuun ulfaataa dha. Tulaawwan saglan Booranaa baroota gadoomaa 71 durallee kan turani dha. Tulaawwan saglan kun bishaan hanga fedhe keessaa waraabamullee akka hin dhumne akkasumas yeroo bonaa bishaan haroo yeroo gogutti tulaawwan kun garuu hin gogani. Dabalataanis abbaan Gadaa erga baalli fudhatee hanga baallii kennutti yookin yuuboomutti iddoo tulaan jiru hin qubatu. Abbaan Gadaas ta’e loowwan isaa bishaan tulaa hin dhugan. Yeroo godaansaallee tulaa bira darbanii eela biraatii loon obaafatu.

Tulaawwan saglan Booranaa fi argamnni isaanis:-

1. Iigoo aanaa Dubluq,
4. Meelbana aanaa Miyoo, 7. Goorilee aanaa Dhaas,

2. Weeb aanaa Waacillee, 5. Irdar aanaa Dhaas,

8. Goofa aanaa Mooyyalee fi

3. Waaccillee aanaa Waaccillee, 6. Gaayoo aanaa Dhaas,

9. Laayee aanaa Mooyyaleetti argama.

Tulaan boolla bishaanii gadi fagoo ta’uu isaatin bishaan keessaa waraabuuf humna nama baay’ee barbaada. Gad fageenya isaarratti hundaa’unis namootni hanga 14 ta’an tartiibaan dhaabbatanii waraabuu danda’u. Yeroo kanas bishaan callisee keessaa ol hin guuramu, loon faarsu, abbaa qabeenyaa loon qabu faarsu, kolfi fi taphnis qaama sirna bishaan tulaa waraabuuti. Bishaan tulaawwan saglan Booranaa tokkuma, tulaawwan kunis lafa keessaan walqabatoodha jedhama. Jaarsi maddaas nama waa’ee tulaa dubbatu, kan

tulaa qochisiisu akkasumas yeroo roobaa lolaan bishaanii tulaa akka hin seennef irraa akka qabamu kan taasisu dha.

EEBBA QORII BUNAA

Kadhachaan Oromoon waaqa uumaa isaa ittiin kadhatu keessaa eebbitii isii angafaati. Boorannilleen yoo buna qalatu qorii bunaa eebbifachuun waaqa khadhata. Warrii irraa gad-hafee immoo nagee-nagee jedhee jalaa qabuun eebbifama.

√ Barii nagaya (2x)____ Nagee √ Bariin nagaya _Nagee
√ Warrii nagaya _Nagee
√ Waariin nagaya ____Nagee √ Aadaan nagaya ____ Nagee √ Ardaan nagaya ____Nagee

√ Daa’imii nagaya ____Nagee √ Daa’imtuun nagaya Nagee √ Elelleen nagaya __Nagee
√ Elemtuun nagaya _Nagee

√ Elemaa gaadiin nagaya ___Nagee
√ Tissaa uleen nagaya __ Nagee
√ Barataa biiriin nagaya __Nagee
√ Areeroo Gooroon nagaya ____________Nagee √ Liibani golbaa diidii nagaya ___________Nagee √ Khuusa goseen nagaya __________Nagee

√ Baddaan sadeen nagaya __________Nagee
√ Tulaan saglani nagaya __________Nagee
√ Laduun shanani nagaya ________________Nagee
√ Kharraa fuloon nagaya ________Nagee
√ Fulaan nu jirru cufa nagaya ________Nagee
√ Raabaa gadaan nagaya __________Nagee
√ Gadaammojjiin ta roobaa-nagayaati _______Nagee
√ Bokkeennii roobee haraa dambalaa guuta______Nagee
√ Leelloon mirgitee okholee guutti __________Nagee
√ Nagaya waaqii nu guuta______________Nagee
√ Nageennii ooletti gala__Nagee
√ Kha gurruu dibbee____Nagee
√ Kha eegee faccee____Nagee
√ Tissaan nagayaan faana gala__________________Nagee
√ Nu warra bareettooti, bariin waaqaa nuu nagaya____Nagee
√ Warra naannawaa, kha nageennii itti naanna’u__Nagee
√ Warra miyoo, kha marraa-bishaan itti miyaawani__Nagee
√ Warra dahoo, kha dahoon inni buluu nagayaa__________Nagee

√ Warra jidduu-oolaa, jidduu moggaan nu nagaya____Nagee
√ Borborii odaa gurraachaa, oduun teenna nagaya____Nagee
√ Warra mataa gafarsaa, mataan keenna nagaya ______Nagee
√ Warra dureettii, duraa-duubii nu nagaya_____________Nagee √ Warra guutooti, kha nageennii guutu ____________Nagee

√ Warra ooblooti, kha nagaya ooblatu _________Nagee
√ Saakhuu baddaa gurraatti, gurrii Booranaa nagaya__Nagee
√ Nu warra tuqaati, kha hormaatii wal-tuqu ____Nagee
√ Warra tulluu buleeti, kha sa’aa namaan bulu__________Nagee
√ Warra odaa oolalee, oduun teenna nagaya________Nagee
√ Mooyyalee dambii gurraattii, gurra Booranaatti nagaya ______________Nagee √ Areeroo gooroo gurraattii, gooroon teenna nagaya ___________Nagee
√ Galaana taanee, dhimmuu dachaana_________Nagee
√ Anoona taanee, hundaan furfuurra__________Nagee
√ Coqorsa taanee, wal-jalaan lanna_____________Nagee
√ Nagaya qabna______Nagee
√ Khaayoo qabna _____Khaayomi
√ Dhala qajeella_______Nagee
√ Dhalcha qajeella_____Nagee
√ Wal-dhageenna______Nagee
√ Nagee______________Nagee

AKKA GUUTUUN ABBAA LIIBEE HORII BISHAAN OBAAFATTUUN

1. Takha 2. Dhabsuu
3. Limaallima 4. Sadeen jedhanii fulaa afuriitti gargar baasan.

Takha jechuun, guyyaa tokkoolle adoo jidduu hin oolin obaa dha’ani, sababii isaa marraaf bisaan waan guddoo lafa jiraniif. Yeroo suniitti horiin marra waan guddoo dheeduuf hurrisee dheebota takhaan dhugani.

Dhabsuu jechuun guyyaa tokko jidduu oolchaa obaasan, khana immoo sababi isaa akka guyyaa takhaa khaan marrii guddoo hin jiru ammoo adoo diqqaatteelle hinuma quufan duuba, bisaalleen hin diqqaatan ammoo duuba dhaba hin qaban.

Limaallima jechuun guyyaa lama oolchanii akka ittiin loon bisaan obaa dha’ani ,sababii isaa yeroo khana bonilleen la jabaate, ammallee marraaf bisaalleen guddoo lafa hin jiran tanaaf akkana godhani.

Sadeen jechuun ammoo guyyaa sadii jidduu oolchanii obaasu jechuudha. Sababii isaa marraaf bisaanuu lafa hin jirani bisaalleen ya fagaatan faa, ammallee bonilleen waan jabaateef horiille huqquun qabattee yaasuma khanaa guddoo hin dandayan tanaaf akkana.

MAMMAASSA BOORANAA KHA GARA AFAAN FARANJIITTI HIIKHAMAN. (Borena’s Proverbs With English Translation)

1. Obsaan qaallomani.
∆ English: Patience leads to an honorable position.

2. Cubbuun tokko dhaqqabii, tokko hordofii.
∆ English: You can be punished as you do sin on the spot. But for others it can come later. Meaning: As for the punishment of sin, some are immediate; and others come later.

3. Waan garaan qabu arrabii nama hata.
∆ English: What was withheld as secret thought will come out through a slip of tongue.

4. Iltii (Ijjii) allaattiin nyaattu wahi hin gartu ; gurrii allaattiin nyaattu wahi hin dhaga’uu.
∆ English: An eye that the vultures peck at, does not see; an ear that the vultures peck at does not hear.

5. Huqqoon darbaa haalatti, muyoon du’a dhiirsaa haalatti.
∆English: The weak cow will blame whoever pushes it for its fall; the weak woman will blame her husband’s death for her downfall.

6. Arbii ilkee ufii hin dadhabuu.
∆ English: The elephant does not get tired carrying his heavy tusks.

7. Ati mormadhu nafattuu sii himaa.
∆English: You may deny that you were fed, but your body will tell.

8. Ookkoon waan asi aanan fuudhan jette.
∆English: A rake recommends that it be used first to fetch the rubbish that is nearest.

9. Harkii tokkochii nafa hin dhiquu.
∆English: One hand alone cannot wash the body.

10. Adoo ani gaafaa boo’uu, gurra narraa murani jette harreeni.
∆English: The donkey lamented that while it was pleading for horns, its ears were cut off.

11. Harkii marrootti waldhiqa. ∆English: Hand was each other in turn.

12. Adoo akkii jedhani jiruu, akkii jechaa nama dhiba.
∆English: While we know what to say, saying it that way is often difficult.

13. Guyyaa hamaa ijoolleetti qa’ee nama dheeta. ∆English: On a bad day children will flee from your sight.

14. Hidda jiru hiddii hin nyaatani.
∆English: While relatives exist, one cannot eat the Sodom apple.

15. Waan okkoteen hin qabne, mooqaan hin fuudhu. ∆English: The ladle cannot serve anything if the pot is empty.

16. Warrii du’aa dibbee hin dhaga’u.
∆English: People who are on the verge of death do not hear the drum beat.

17. Koblaan doone jette sareen dhadhaa bira nuu taa’ii jennaan.
∆English: This is amusing; said the dog when asked to guard a container of cheese.

18. Nama du’uu, dubbiin hin doone.
∆English: A man dies, but his word lives forever.

19. Waan namii tokko itti fidamu, tokko itti fidamuu hin danda’uu.
∆English: The conditions that one can comfortably live with, might be unacceptable to another.

20. Tolii kijibaa abbaa qolleessa.
∆English: One who gives to earn praise will impoverish himself.

21. Gargalchaa waaqaa, miilii mataa oge.
English: Observing God’s wonders; the baboon scratches his head with his leg.

22. Qaroo nafii ila.
English: The body of wise man has eyes.

23. Gowwaa mana itti naqii, qaroo fuula itti deebisi.
English: Lead a fool into the house but just show the path to the wise.

24. Sa’a bori dhaluullee wayiin eegatani.
English: Even if the cow may give birth tomorrow, there has to be something to feed on till then.

25. Galaanaatti walti yaawaa malee, garaachii walti hin yaa’u. English: Rivers flow into each other but stomach do not.

26. Dubbii qamnaa, hujii qamnaatti irra jira.
English: It’s more pleasing to hear of someone busy with work, than hearing of them busy handling dispute.

27. Galataan gatii hin jennee, achumaan badi hin jenne.
English: I did not ask for a payback for a generous act, nor did expect it to disappear altogether.

28. Waan lafiitti didan, lafiitti cichaan didan.
English: Food that is rejected at one place is accepted at another.

29. Garriin waan jettuu, yaadii takkaa, firiin gargarii.
English: Even people who share the same opinions have different individual thoughts.

30. Dhukkubii hiyyeessaa, madaa bineensaati.
English: A poor man’s ailment is like a wild animal wound .

31. Itti goomtii ballaa iltii dhooxxi, jette nadheen.
English: Women’s say that it’s fairer for the blind man that his eyes are gouged out.

32. Ma qaqaari’aa deemta akka dureessa beela’ee?
English: Why are you staggering like a rich man who is hungry; they ask.

33. Wuu hin jedhinii, wuu jedhii waraabessaati.
English: Do not say woo, say woo, the hyena taught people the correct way to howl.

34. Hiyyeessa haadha dhalteetti jibba.
English: A poor man is detested by his own mother.

35. Hafuuraan garaachaa taphataa ufi tolcha. English: One greedy for food makes himself playful.

36. Fardii harree kheessa oolu, dhuufuu barata.
English: A horse that grazes, in the same field with donkey, learns how to fart.

37. Kha du’aa eegani jaarsaa, kha du’u dargaggeessa, jetti Sidaamtii.
English: Those who are thought to be dying are the old, but those who actually die are the young; said Sidama.

38. Mucaa boo’uu fedhu, yabbiin irra ejjatte.
English: The boy who wanted to cry was stepped on by a calf.

39. Dhawa malee hin horanii, faroo malee hin deegani.
English: Optimism leads to riches and pessimism leads to poverty.

40. Uleen yoo wal irraatti qaban ta abbaa muratee taati.
English: If an argument over ownership arises about stick, the person who original cut it from the tree assumes ownership.

41. Jaarsii waan jedhee: kijibaa womaa hin ba’uu, kijibilleen womaa naa hin ba’u.
English: An old man said; I do not benefit from a lie and neither does a lie benefit from my lie.

42. Malii ijjeesee waraanii lubbuu khuta.
English: The plan kills, the weapon only does the deed.

43. Galaanii nama hin nyaatuu, waan nama nyaatatti nama geessa. English: The river is not a predator by itself but it takes you to a predator.

44. Waliin ga’an taffiin kutachaa lama.
English: If generously shared, a flea can be bitten twice.

45. Warrii abbaa dhaabe keessummaa hin teessisu.
English: A house hold in which the owner is kept standing has no room for the guest to sit.

46. Loon adoo na hin ijjeemne aabboo natti yaamaa jedhani. English: The cow requested to see the owner before being killed.

47. Iltii ceera hin beettuu, qullaa haadhaa-abbaallee hin laalti.
English: The eyes do not shy away from anything; they can dare to see the parents’ nakedness.

48. Abbaan ufi hin arguu, dhakhaan ufi hin darbu. English: One cannot see oneself, a stone cannot push itself.

49. Bira ba’ani dubbiitti hafaa; dhugaa dubbatani namaatti waldhaba.
English: If facts are ignored, justice cannot be rendered yet, if one refuses to ignore the facts enemity is created.

50. Sukhela dhabaa dhabii niitii tolfate.
English: Having not found another one she became the man’s undisputed wife.

51. Hamtuun yoo ji’ii ba’e.
English: The worst shall be revealed when the moon rises.

52. Foon fedhii tandhacha hin nyaatani.
English: One does not eat swollen glands to appease a strong desire fort meat.

53. Saffarticchii waan jedhe: malii khaan dabree, khaan ya hafe. English: If one plan is out of hand another one remains.

55. Adoo biyyaa dunnuu ufii dunnaa Sareeti.
English: While we bark for others we also bark for ourselves; said the dog.

56. Namii waan jedhe: ulfinna mataa qaacerii hin beekkatu. English: The neck does not recognize that the head is heavy.

57. Namii waan jedhe: dheerattullee lummeen mataa hin qolchitu. English: However long it may grow, the neck will never surpass the head.

58. Adoo kha baatu hin dhadhamnee, kha baatani dadhabe.
English: When a person is carrying someone on his back, the one being carried gets tired before he does.

59. Saffarticchii waan jedhe: silaa lafa jiran keessaa mullachuu malanii, yokhaan keessaa ala jiraachuu malan.
English: Where one lives it is good to be prominent if not it is better to live elsewhere.

60. Ollaan dubra wal hin kadhatuu, kadhatu wal irraa hin dhabu.
English: Villagersdo not marry one another if they do, they always meet their objections.

61. Namii waan jedhe: ulfaan dhufeef, ulfaa hin elmani.
English: The arrival of an honoured guest does not warrant milking a pregnant cow.

62. Abbaan ufi hin himuu, ufirra bahuu hin dhabu. English: One is not barred from referring to oneself.

63. Siiqqee mootii warrii isiin moote bade.
English: If the woman takes over the house, the family she rules is doomed.

64. Gannii bira dabran ji’aa, gannii itti deemani dukkana.
English: The past years are in moonlight, the years to come are in darkness.

65. Waaqa jettee kharaa kheessa hin ciisin. English: Do not say; on God, and sleep on the road.

66. Sareettiin kophaa hin baatuu, hirkoo mukhaa malee; deegii khophaa hin godaanuu, hirkoo dureessaa malee.
English: A climbing plant with tendrils cannot grow on it’s own without the support of a tree; a poor cannot migrate on it’s own without support of the rich.

67. Onaatti mana himaa, onaatti ufi hima.
English: Those who know you speak well about you; but one who is not liked or respected has to brag about himself.

68. Yokhaan tulluu ta’anii, yokhaan tulluutti hirkatani. English: One should either become a pillar or lean against one.

69. Fartii-Fartii, jedhe Qaamphisoo Gumii.
English: There is different hand writings, said Kampiso Gumi.

70. Hiyyeessii dhiiraa, hiyyeessa ollaati. English: A poor man is like an orphaned ram.

71. Namii yo malee deeme, yo dansaa gale.
English: One who travels at an unfavorable time comes home at a favorable time.

72. Sidaamtichii waan jedhe, Tabaqaan ijoollee ta diirama waaqa laaltee, galgala lafa laaltu. English: A clever child is one who looks up in morning (rude) and down in the afternoon.

73. Waan bira hin jirre, waan bira jirtuun beekhi.
English: One should understand what happens in one’s absence by relating to what used to happen in one’s presence.

74. Qorqooroon yo gubani, gara foonii gula rifatti.
English: When put in fire, a hide of skin crumples toward the fleshy side.

75. Dhugaa waa’elii Waaqa.
English: God is the companion of truth.

76. Ta halkan galte itti bariisifatani.
English: That which occurs at night will await down.

77. Galgalii shona hin qabu. English: Evening has no supplement.

78. Si gubee hin arginii ibiddaan taphatta.
English: You play with fire because you have not seen it burn.

79. Ta biraa baate, haatii boo’a hin dhageettu.
English: A mother will not hear the cry of her married daughter who is now living far away.

80. Firoomii warra Haassan Gabaabaa, qallatee nama seenee, furdatee nama keessaa ba’a.
English: When befriending people, the family of Hassan Gababa enters narrowly and leaves broadly.

81. Lafa roobaan garte, bonaan gartee jedhan!
English: Have you seen in a dry season the place you had seen during the rainy season?

82. Dawoon fagoo dhaamocha hin dhowartu.
English: A distant shelter does not shield one from cold.

83. Cirreessii boollaa, boolla guyyaa bu’an hin beekhani.
English: A doctor is like a pit, one can not know when one will fall into it.

84. Daafanaa hin hadhin, guyyaa isaa sii hin hadhuu; Daallee hin qorin, guyyaa kheetii sii hin qoruu. English: Do not fight for a coward, he will not fight for you. Similarly, do not support a fool in a dispute, he will not support you in yours.

85. Maanti jabduu jennaan waan dhiirtii fuute jedhan.
English: What is certain is that which a man vows to undertake.

86. Malii dhiirtii dhoofte, dhaattuu bofaa arge. English: Men’s ideas helped to locate the snake.

87. Ilmeen qajeelaan dhufte, haadhallee hin dhibduu ufillee hin dhibdu.
English: A new born that comes in the right position relieves the mother and relieves itself.

88. Mataan dhalootaa lafa ga’e, du’iisaa lafa hin hanqatu.
English: The head that touches the ground a birth, will not fail to touch the ground at death .

89. Ballaan waan gaaf ila qabuu dubbata.
English: A blind man speaks the good old days before he became blind.

90. Qaroon waan borii jennaan, gowwaan waan hardhaa jedha. English: A wise man plans for tomorrow, a fool plans only for today.

91. Dhiirtii wayaa kheessa jirti.
English: Manhood is beneath the clothing.

92. Fira fakkaatee dhadhaan wayaa balleessa. English: In a friendly way, the oil spoils the cloth.

93. Dabeessaa dhadhaan dheedhii. English: For the weak ones, fat is raw.

94. Ganna kha dhufuu mana jaaran malee, kha dabree mana hin jaarani. English: One builds a house for the future, not for the past.

95. Abbaan ka ufii jedhe Guyyoo Khitii.
English: The owner is entitled to first rights, said Guyo Kiti.

96. Nafii abbaa tokkoo, abbaa tokkootti qoricha.
English: A person’s body is precious to him but nothing to someone else.

97. Sidaamtichii waan jedhe, Gaangeen sirraatti badde na hin mararree, limmee sirraatti badeetti na mararee malee.
English: Sidama said, I was not annoyed by the mule that got lost without my knowledge but the needle that got lost due to my carelessness annoyed me.

98. Nama gurraatti bule, nama garaachaa dhugeetti irra jira.
English: It is better to drink blood that has no milk than to sleep hungry.

99. Lama hin deebitu jette awwaaltuun.
English: After the burrial the undertakers said, the body will not re-surface.

100. Hiyyeessa dootii tasaa, hamaa dootii mama.
English: A poor man’s death is surprising and a mean man’s death is unbelievable.

SIRNII GADAA BOORANAA AKKAMIIN HUNDEEFFAME?

Sirnii uummatni ittiin buluu jalqabe innii duraa Sirna Qaalluu yemmuu ta’u, turtii waggoota dheeraa booda garuu sirnii uummata hedduu hirmaachisuu fi sirna Qaalluu cimsu Sirnii Gadaa jalqabame.

Sirnii Gadaa Oromoo Booranaa ergaa akka sirnaatti hundeeffamee yokiin jalqabamee Gogeessa Gadaatii fi lakkoofsa Qaalluutiin walqixa jechuudha. Haata’uu malee namootnii sirnii Gadaa, Qaalluu booda dhufee akkamiin angafa jedhanii yaadan jiru.

Aadaan Booranaa goseettii jalqabde. Waaqii goseettii dhufee eebbisee, goseen Wayyuu taatee seeraafi fuudhii Booranaa goseetti jalqabe. Laduun seera gosee fudhachuu diddee, walgaafattee aadaan ta Raabaa taate, muraan isaanii immoo ka Hayyuu taatee akka Qaalluun Gadaa Hayyuu eebbiftu taasisan.

Akkuma Qaalluun Hayyuu lallabeen aadaa yaa’ii roobamee gadoomuun kalloo saaquuf Yuuba eebbisan. Yuubii immoo kalloo saaqa malee maqaa hinbaafatu yookiin hin moggaafatu. Akkanaan Gadaan muummee namaa ta’ee Laduu angafe.

Sirnii Gadaa ijoollee fooraatiin Goseetti jalqabee, bara hin beekkamneef seera Gosee ta’ee, milkaa’inna seera Gosee jaalatanii seera uummatni ittiin bulu tolchan. Bara sun raaga warra Alii Dubbannaatti sirnicha nama barsiisa. Qaalluu waliin haala kana keessa darbee sirnii Gadaa hardha haaromsa sadii (three phases) keessa jira.

Bara sun gogeessii Gadaa ka Qaalluu waliin lama; ka gogeessa torbaa fi gogeessa shanii jedhanii malee. Gogeessii sun lamaan # Tuulamii fi # Loolloyii jedhamu. Akkasiin aga Gadaa abbaa 22’eessoo lallabaa ture. Eegee immoo ganna 7f sirnii sun addaan citee, booda gara gogeessa 5 fi 7tti deebi’e. Maqbaasii Gadaa Booranaa ka gogeessaa 2fi 7 walitti sagal waan ta’eef “Saglan yaa’a Booranaa” jedhame jechuudha. Sirnii gogeessa lamaa eegii Sallii seenee lallaba 22 irratti dhaabbate.

Aadaa jalqabaa sun namni dura abbaa Gadaa ta’ee gogeessa lamaatti, “haayi” jedhee murate, “Abbaa Gadaa Baasile” jedhu. (himana Diida Haashanee). Tanaaf maqbaasii Booranaa ka yoo ilmii dhiiraa dhalatuu baasiileen jalqaba :- “Haayyoo godilee tiyyaa hee haa godee tanaa, indhallaa naa hawwee Baasilee” jechuun ragaa dhugaati jechuudha.

TAPHA KHANA BEETTUU! TOKKOO-QAA

1) Tokkoo-qaa:- tokkochii moluu saanqaa;
2) Lamaa-qaa:- lamaan mucha re’ee, tokkochii moluu saanqaa;
3) Sadii-qaa:- sadeen sunsuma haayyaa, lamaan mucha re’ee, tokkochii moluu saanqaa;
4) Afurii-qaa:- afran mucha saayyaa, sadeen sunsuma haayyaa, lamaan mucha re’ee, tokkochii moluu saanqaa;
5) Shanii-qaa:- shanan shanii harkaa, afran mucha saayyaa,sadeen sunsuma haayyaa,lamaan mucha re’ee, tokkochii moluu saanqaa;
6) Jahaa-qaa:- Jahaan yabbii qaraxaa,shanan shanii harkaa, afran mucha saayyaa,sadeen sunsuma haayyaa,lamaan mucha re’ee, tokkochii moluu saanqaa;
7) Torbaa-qaa:- torbaan naannoo sabbataa, Jahaan yabbii qaraxaa,shanan shanii harkaa, afran mucha saayyaa,sadeen sunsuma haayyaa,lamaan mucha re’ee, tokkochii moluu saanqaa;
8) Saddeetii-qaa:- saddeettani dhala saraa, torbaan naannoo sabbataa, Jahaan yabbii qaraxaa,shanan shanii harkaa, afran mucha saayyaa,sadeen sunsuma haayyaa,lamaan mucha re’ee, tokkochii moluu saanqaa;
9) Sagalii-qaa:- saglan yaa’a Booranaa, saddeettan dhala saraa, torbaan naannoo sabbataa, Jahaan yabbii qaraxaa,shanan shanii harkaa, afran mucha saayyaa,sadeen sunsuma haayyaa,lamaan mucha re’ee, tokkochii moluu saanqaa;

10) Kudhanii-qaa- Kurnya gomboo saddeeqaa, sallan yaa’a Booranaa, saddeettan dhala saraa, torbaan naannoo sabbataa, Jahaan yabbii qaraxaa,shanan shanii harkaa, afran mucha saayyaa,sadeen sunsuma haayyaa,lamaan mucha re’ee, tokkochii moluu saanqaa;

20) Diddamaa-qaa:- diddama kurnya lamaa, Kurnya gomboo saddeeqaa, sallan yaa’a Booranaa, saddeettan dhala saraa, torbaan naannoo sabbataa, Jahaan yabbii qaraxaa,shanan shanii harkaa, afran mucha saayyaa,sadeen sunsuma haayyaa,lamaan mucha re’ee, tokkochii moluu saanqaa;

30) Soddomaa-qaa:- soddoma kurnya sadii, diddama kurnya lamaa, Kurnya gomboo saddeeqaa, sallan yaa’a Booranaa, saddeettan dhala saraa, torbaan naannoo sabbataa, Jahaan yabbii qaraxaa,shanan shanii harkaa, afran mucha saayyaa,sadeen sunsuma haayyaa,lamaan mucha re’ee, tokkochii moluu saanqaa;

40) Afurtamaa-qaa:- afurtama kurnya afurii, soddoma kurnya sadii, diddama kurnya lamaa, Kurnya gomboo saddeeqaa, sallan yaa’a Booranaa, saddeettan dhala saraa, torbaan naannoo sabbataa, Jahaan yabbii qaraxaa,shanan shanii harkaa, afran mucha saayyaa,sadeen sunsuma haayyaa,lamaan mucha re’ee tokkochii moluu saanqaa;

50) Shantamaa-qaa:- shantama kurnya shanii, afurtama kurnya afurii, soddoma kurnya sadii, diddama kurnya lamaa, Kurnya gomboo saddeeqaa, sallan yaa’a Booranaa, saddeettan dhala saraa, torbaan naannoo sabbataa, Jahaan yabbii qaraxaa,shanan shanii harkaa, afran mucha saayyaa,sadeen sunsuma haayyaa,lamaan mucha re’ee, tokkochii moluu saanqaa;

60) Jaatamaa-qaa:- jaatama kurnya jahaa, shantama kurnya shanii, afurtama kurnya afurii, soddoma kurnya sadii, diddama kurnya lamaa, Kurnya gomboo saddeeqaa, sallan yaa’a Booranaa, saddeettan dhala saraa, torbaan naannoo sabbataa, Jahaan yabbii qaraxaa,shanan shanii harkaa, afran mucha saayyaa,sadeen sunsuma haayyaa,lamaan mucha re’ee, tokkochii moluu saanqaa;

70) Torbaatamaa-qaa:- torbaatama kurnya torbaa, jaatama kurnya jahaa, shantama kurnya shanii, afurtama kurnya afurii, soddoma kurnya sadii, diddama kurnya lamaa, Kurnya gomboo saddeeqaa, sallan yaa’a Booranaa, saddeettan dhala saraa, torbaan naannoo sabbataa, Jahaan yabbii qaraxaa,shanan shanii harkaa, afran mucha saayyaa,sadeen sunsuma haayyaa,lamaan mucha re’ee, tokkochii moluu saanqaa;

80) Saddeettamaa-qaa:- saddeettama kurnya sadeetii, torbaatama kurnya torbaa, jaatama kurnya jahaa, shantama kurnya shanii, afurtama kurnya afurii, soddoma kurnya sadii, diddama kurnya lamaa, Kurnya gomboo saddeeqaa, sallan yaa’a Booranaa, saddeettan dhala saraa, torbaan naannoo sabbataa, Jahaan yabbii qaraxaa,shanan shanii harkaa, afran mucha saayyaa,sadeen sunsuma haayyaa,lamaan mucha re’ee, tokkochii moluu saanqaa;

90) Sagaltamaa-qaa:- sagaltama kurnya sagalii, saddeettama kurnya saddeetii, torbaatama kurnya torbaa, jaatama kurnya jahaa, shantama kurnya shanii, afurtama kurnya afurii, soddoma kurnya sadii, diddama kurnya lamaa, Kurnya gomboo saddeeqaa, sallan yaa’a Booranaa, saddeettan dhala saraa, torbaan naannoo sabbataa, Jahaan yabbii qaraxaa,shanan shanii harkaa, afran mucha saayyaa,sadeen sunsuma haayyaa,lamaan mucha re’ee, tokkochii moluu saanqaa;

100) Dhibbaa-qaa:- dhibba kurnya kudhanii, sagaltama kurnya sagalii, saddeettama kurnya saddeetii, torbaatama kurnya torbaa, jaatama kurnya jahaa, shantama kurnya shanii, afurtama kurnya afurii, soddoma kurnya sadii, diddama kurnya lamaa, Kurnya gomboo saddeeqaa, sallan yaa’a Booranaa, saddeettan dhala saraa, torbaan naannoo sabbataa, Jahaan yabbii qaraxaa,shanan shanii harkaa, afran mucha saayyaa,sadeen sunsuma haayyaa,lamaan mucha re’ee. tokkochii moluu saanqaa.

BOORANAA FI QAROOMINNA DURII (Borena And Their Civilization A Long Time Ago)

Boorannii qaroominna isaatiin biyyaa fi biyyee hedduu dursa. Ammoo akka beennii waraqata irraatti qoratee(barreessee) maffatu suniin ol hin keeyyatu. Afaanumaan abbaan ilmaatti himaa walti dabarsa. Tanaaf kha warra qoratuu khaan nu qolche. Yoo isanii maqeesse:-

1. Sirna Gadaa kha akhaakhuu-abutturoon teenna durii dullukkootiiyyuu fidamaa turteen, Faranjiin DEMOCRACY jettee lafaan qabatte.

2. Ayyaana ayyaantuun nuu heddee, dhihaa-barii nu ittiin fidamnu, Faranjiin CALANDER SYSTEM jettee gannaan hedatti.

3. Namii Waaqii qaraa fiixee tolche lamaan, mucaa Xaphoo jedhanii fi intala Xaphaaphoo jedhan jetti jaarrotii Booranaa. Sunuma Faranjiin ADAM and HEWAN jettee yaamte.

4. Guyyoota torbaan tokko kheessaa kha Boorannii akka garjaloo tanaatiin yaamu, Faranjiin ammoo akkana jettee yaamti:-

1- Fullaasa———–Monday
2- Moggisa———–Tuesday
3- Libaasa————Wednesday 4- Mardiida———-Thursday 5- Maakhula———Friday
6- Sabbaaqa———Saturday
7- Daraara————-Sunday

LOQODA BOORANAA KHA GARA AFAAN FARANJIITII FI OROMOO WALTAWAATTI HIIKAME

English—— Loqoda Booranaa —— Oromoo Walta’aa

1. A while ago ——– Qaataa ——– Yeroo xiqqoon dura
2. A lot ——- Gurmuu , Dhuuga ——- Baay’ee
3. Abortion ——- Salleessa , Garaachii irraa ba’uu ———- Da’umsa yeroo hin eeggatin. 4. Above ——– Gararroo; Gubbaa ——– Oli
5. Act slowly ——- Baballacchuu – ——- Suuta hojjachuu.
6. Add —— Daruu ———- Dabaluu

7. After —— Eegii ; Dudduuba, ——- Booda.
8. Afternoon ——- Saafa’a ——– Waareen booda.
9. Afterwards ——- Gulana; ——— Yeroo xiqqoon booda.
10. Age-set ——— Hariyyaa —— Hiriyyaa (kan umriin walitti dhiyaatu).
11. Agile ——– Sablaa, Sablo o ——– Salphaa
12. Align ——- Corooruu ——- Tarree galuu.
13. Ally —— Khalchaa ——- Gurmaa’uu
14. Alone ——– Callaa; Khopha a ——- Qofaa, Qeenxee
15. Alongside – Dhaattuu ——— Cinaa, Bukkee
16. Aluminium ——— Saldaqaa —— Almuuniyeemii
17. Amazed ——- Mamuu; Qunqumfacchuu ——- Dinqisiifachuu
18. Another ——– Kha dhibii —— Kab biraa
19. Area ——– Fulaa , ——- Bakka
20. Arrange ——- Coccokhuu ——- Sirreessuu.
21. Arrogance ——- Khooruu ——– Ofi tuuluu
22. Arrow ——- Laawwee ——– Xiyyaa
23. Ashamed ——- Ceeruu, Fokkifachuu ——— Qaanfachuu
24. Assembly ——- Khora , Gumii ——- Walgayii, Yaa’ii.
25. Aversion ——- Balfuu ——- Jibbuu
26. Axe —— Sookkaa; Agaraa ——- Dhagaraa
27. Backbone ——- Dugunguruu —— Lafee dugdaa.
28. Bag ——- Khareerrisa , Subba ——– Borsaa
29. Bandit ——- Sargoo; Shiftaa , ——- Shororkeessaa.
30. Bangles ——- Qilqillee ——– Faaya harkaa dubartii.
31. Bead ——- Imuu—— Callee (kan mormaa)
32. Bed —— Siriira, Afaa ——- Siree
33. Bedroom—– Dhiibuu, Weeluu—— Kutaa Ciisichaa
34. Bedbug —— Khittiyyaa- —- Tukaanaa
35. Before ——- Qara a ——- Dura, Jalqaba
36. Bent —— Qonyachuu, Dhammooquu, Meelachuu, Mokkachuu,—— Jallachuu 37. Beside —– Dhaattuu, Bira —— Cinaa, Bukkee
38. Better —— Goomitta a—— Wayyaa
39. Bleat —- Obobsuu – —- Sagalee Korbeessa Re’ee
40. Blanket —– Barangeeda, Baddoo ——- Uffata Qorraa
41. Blood Vessel —-Goo’aa, Haammareessa – —- Ujummoo Dhiigaa
42. Blossom —— Oboraa —- Daraaraa
43. Boast —– Khooruu, Baleeluu, Buuphuu, Buxxuuluu —— Boonuu,Ofi Jajuu 44. Border —– Daarii —— Daangaa
45. Brave —— Janna —— Goota
46. Bridge —- Dildila – —– Riqicha
47. Brink —— Ededa —— Qarqara
48. Calf —– Waatii, Yabbii —— Jabbii
49. Careen —– Tintimuu——- Gitintiruu
50. Cautiously —– Leekkee, Laanuma ——– Suuta

51. Cedar —– Hindheessa – —— Gaattiraa
52. Celebration —– Jila ——– Ayyaana, Kabaja
53. Clear —– Diidessuu, Soquu ——- Qulqulleessuu
54. Clitoris —— Likkina ——- Qaama Fedhii Walqunnamtii Saalaa Dabalu
55. Close —– Cuqqaaluu —— Cufuu
56. Cloth —— Wayaa, Bututtuu ——- Uffata, Huccuu
57. Coagulate —— Khudhubuu —— Itituu
58. Cold—— Diilalla,Dhaamocha, Maganuu ——– Qorra
59. Color——- Bifa, Raangii —– Halluu
60. Come together—— Waldeennaa ——– Walitti Qabamuu.
61. Complete —– Obbaasuu —- Xummuruu
62. Conquer —– Curduu; Dabsachuu; Jaarsuu —– Injifachuu
63. Copper —- Saagaa(Faaya harkaa) —- Kopparii
64. Corner —- Jiiroo —- Roga
65. Count —- Heduu; Too’achuu —- Laakka’uu
66. Coward —- Daafanaa; Abeeba —— Dabeessa; Lugna
67. Cowbell —- Khorree; Saankura —- Bilbila (kan morma loonii)
68. Cowhide —- Itillee —- Gogaa (Hirriibaaf)
69. Crumble —- Bubburussuu; Carassuu; Macarsuu —– Burkuteessuu; Caccabsuu 70. Cup —- Buduunuu; Kookkii —— Kokkobbee; Kubbaayyee
71. Curds —– Qarruu; Chuuchee; Khalbaa —— Baaduu
72. Damp —– Qomoraa; Dukkuudhaa —– Jiidha xiqqaa kan qabu
73. Dangling —- Soonxoo —- Fannistuu (Tapha ijoolleef)
74. Decade —- Kurnya —– Kurnee
75. Deepness —- Qilee —- Gad-fagoo
76. Diarrhoea —– Albaatii ; Curra —— Garaa-kaasaa
77. Dim —– Dimimmisa; Waarra’aa; Siphee —– Dukkana
78. Dim-witted —– Daallee; Raatuu —– Gowwaa
79. Disgrace —– Ceersuu —– Qaaneessauu
80. Disgusted —– Lillikhuu ; Bardaddeessuu —– Balfuu
81. Disinterested —— Irri’uu; Maachuu dhabuu —– Itti toluu dhabuu
82. Dislocation —– Buqqa’a a —- Adda bahuu
83. Dissolve —– Bassuu; Dhuubuu —– Bulbuluu; Baqsuu
84. Distended —– Xillibbaa’uu —– Afuufamuu
85. Distinct —– Gargari i —– Adda-addaa
86. Divide —– Foo’uu; —– Qooduu
87. Do quickly —– Shafi edhanii tolchuu —– Saffisaan hojjachuu
88. Dodder —– Lelleqaa; Waallisaa; Tintimaa —— Gitintiraa
89. Door —– Saanqaa; Khorboo —– Balbala
90. Dove —– Saphaliisa —– Gugee

Hariyyaa Booranaa

Hariyyaa Booranaa jalqaba irraa kaasee hanga ammaatti jiran kan armaan gadiiti.

1.Wakoora Dureetti
4.Barbaara Daalachaa
7.Wakoora Liiban
10.Dambala Guyyoo(udaan Buukko) 13.Wakoora Soraa

2.Dambala Bilii 5.Dambala Godaanaa 8.Dambala Haagurro

3.Hanfa Dagaa 6.Gamasii Duubaa

9.Wakoora Malluu 12.Dambala Dhaddachaa

15.Wakoora Liiban 18.Dambala Diidaa

21.Wakoora Diidaa 24. Dambala Areero

16.Dambala Bulee 19.Wakoora Guyyoo 22.Dambala Dhaddachaa

11.Wakoora Diidaa 14.Dambala Areero 17.Wakoora Waaqoo 20.Dambala Duubaa

23.Wakoora Soraa.

Hariyaan itti aantu ijoollee kuuchu jedhamti. waan dubbiftaniif horaa bulaa.

Tache Jilo