About Us Oromo translation

Miidiyaan rakkoo fi ballinna uumata horisiisee bulaa kibba Itoophiyaa, kaaba Keenyaa, akkasuma uumata keenna ka diyasporaa jiraatu waan isaa dubbatee oduu mirgaa fi bitaa nama dhageessisu hin jiru ture. Uumatii keenna bara hedduu nama qoonqoo isaaf ta’u dhabee dedhamee hirdarame. Booranaa Gloobal Miidiyaan qoonqoo uumata kanaaf ta’ee akkasuma ergaa guddina warraatiif taatu dabarsuuf dhalate. Tanaaf miidiyaan kun ‘Madda oduu dhugaa fi guddinnaa’ jenna. Booranaa Gloobal Miidiyaan oduu dabarsuun biraatti aadaa Booranaa, eennummaa, seenaa fi yaada guddinna uumata kanaatiif ta’a jedhu kunuunsuu, jabeessuu fi barsiisuu irraatti hojjata. Akkasuma nama kennamsa akka akkaa qabu akka innii gadi ba’ee ufii fi uumata ittiin gargaaru karaa banaaf. Dhaloota isaa irraa jalqabee miidiyaan kun oduu dhugaa amanamtuun karaa akka akkaatiin uumata dhaqabsaa ture. Uumatii keenna asiin dura waan miidiyaa hin qamneef dedhamee addunyaan wal hanqatee ture. Miidiyaan kun rakkoo sun furuuf halkaniif guyyaa hojjata. Kaayoon miidiyaa kanaa uumata Gaanfa Afrikkaa keessa jiraataniif qoonqoo ta’uu. Karaa toora internettiitiin nu hordofaa. Facebook, Youtube, Twitter, akkasuma karaa ‘website’ kanaatiin akka dansaa waan nu dabarsinu argachuu dandeettan.
bglobalnewsn@gmail.com