News

Ilmaan Boruu Guyyoo baallii Gadaa Booranaa fuudhuuf buttee dhaabdee sirba ruddii sirbaa turte. Amma ruddiin hobbaatee dhibaayyu bahuuf qophaahaa jiru.

By , August 14, 2022 8:15 pm

Ilmaan Boruu Guyyoo baalli Gadaa Booranaa fuudhuuf Godina Booranaa Aanaa Areero Ardaa jilaa Olgabbisaatti buttee dhaabdee sirbaa turte ruddiin xummuruun dhibaayyu bahuuf qophaahaa jiru.

Marsaa Gadooma Gadaa Booranaa 71ffaa irraa baalli fuudhuuf qophii taasisaa kan jiran Dooriin ilmaan Boruu Guyyoo Godina Booranaa Aanaa Areero Ardaa lafa dhaha qubatani qalma qulqullumaa qalachuun waaqa kadhatani ganama barii bokku uyyisuun Ardaa jilaa Olgabbisaatti dongoraan sirriiqanii qubatan.

Ardaa jilaa olgabbisa qubatanitti Galma Abbaa Kormaa, Galma Fiixee ijaaruun buttee dhaabani itti dhibaaffachaa korma buttaas hidhuun jila isaanii geggeeffachaa jiru.

Jila sirbaattii seenuun dura qootii Wayyoomsuun moonaa sirbaa ciratanii saaphuphaa waa hirraanfachuu jila keessatti isaan mudatu saaquuf dullacha saaphuphaa qalatanii guyyoottan 8tiif jila sirbaa geggeeffachaa turan.

Sirbi olkaa guyyoottan 8 geggeeffamaa ture guyyaa hardhaa lafa dhahee ruddiin xummuramuun jila dhibaayyuutiif qophaahaa jiraachuu Maanguddoota Booranaa jila buuttee irratti argaman irraa odeeffanne.”

K/A/Areeroo Gooroo
Via BNN

BGM