News

Foonii fi gogaan harree doolara 600 000 biyyaaf galche

By , August 3, 2022 10:03 pm

Itoophiyaa keessaa manii qalma harree bakka lamaatti jira. Lamaanuu naannoo Oromiyaa, Asallaa fi Bushooftuutti argama. Ammaatti manii qalma Bushooftuu cufamee jira. Mana qalma harree Asaallaatti harreen 600 qalamtee foonii fi gogaan biyya alaatti (Chaynaatti) ergamuun baajjata waggaa dabree keessa dolaariin 600 000 galii ta’ee jira.

Diddaa uumataa irraa ka ka’e manneen qalma harree naannoo Oromiyaa keessaatti cufamanii turan. Garuu eegii baruumsaa fi hubannaan uumataaf kennameen duuba manii qalma Asallaa ka ‘Rhong Change‘ jedhamu banamee hujjii jalqabee jira. Uumatii carraa hujjii karaa mana qalma harreetiin argamu hubannaa waan argateef waggaa torbaan duuba eegii cufame amma banamee hujjii jala qabee jira jedhan.

BGM