News

Google afaan Oromootiin tajaajila kennuu jalqabe

By , May 22, 2022 11:06 am
image taken from internet

Google afaan biyyoota Afrikaa keessaatti dubbataman kudhaniin tajaajila kennuu jalqabee jira. Afaan kudhannan sun keessaa tokko afaan Oromooti. Tajaajilii kun tajaajila afaan tokko gara afaan dhibiittiin hiikan ka ‘Google Translate’ jedhan. Afaan biyyoota Afrikaa keessaa tajaajila kana kennuuf Google-tti daraman Afaan Oromoo, Afaan Tigree, Tiwii, Baambaaraa, Ewee, Kiriyoo, Lingaalaa, Lugaandaa, Sepedii fi Tsoongaa jedhaman. Bambaaraan afaan biyya Maaliitti dubbatamu yo ta’u nama miiliyoona 14tti afaan kana dubbata, Eween biyyaa Gaanaa keessatti namoota miiliyoona torbaatti dubbata. ‘Namii afaan Oromoo fulaa tana dhaqqabsuuf jabeessee irraatti hojjate ogeessa ICT kan ta’e Abdiisaa Bancaati.

BGM