HARIYYAA BOORANAA ATI HARIYYAA TAMI?

By , May 22, 2022 11:09 am

Boorannii umriin/waggaan kee meeqa jechuu
caalaa ati hariyya tami walin jedha. Hariyyaan
tun tokkottiinuu waggaa 8 qabdi. Ardaa ardaatti
yeroo tokko tokkoo maqaa akka akkaatilleen
yeroo yaamanittuu jira. Ijoolleen kuuchuu gaafa
kuusoma ufli fixatte magaa nama tokkootiin citti.
Hariyyaa ebeluu jedhamtee achumaan yaamamti.
Hariyyaan tun martee deddeebitiillee ni jedhu.
Haga nuu quba qabnuutti hariyyaan tun ta dhiyoo
irraa gara dullattiitti yo corooressine/tartiibessine
tana•-

  1. Ta amma kuusoma irra jirtu.
  2. Wakhoora Soraa
  3. Dambala Dhaddachaa
  4. Wakhoora Didaa
  5. Dambala Duubaa
  6. Wakhoora Guyyoo
  7. Dambala Didaa
  8. Wakhoora Waagoo
  9. Dambala Bulee
  10. Wakhoora Liiban
  11. Dambala Areeroo
  12. Wakhoora Soraa
  13. Dambala Dhaddachaa
  14. Wakhoora Diidaa
  15. Dambala Guyyoo (Udaan Buukkoo)
  16. Wakhoora Malluu
  17. Dambala Haagurroo
  18. Wakhoora Liban
  19. Gamasii Duubaa
  20. Dambala Godaanaa
  21. Barbara Daalachaa
  22. Hanfa Dagaa
  23. Dambala Bilii
  24. Wakhoora Dureettii
Rooba Liban