Mammaassa 

By , May 22, 2022 11:09 am

1achii enaani lubbuu achii jennaani uduu harree Eessatti duudhaan

2 baajii oowwiittuu gubani!
3 Du’a dhossaani awwaala Eessaan Dhaqanii!
4 yoo Keennaan Galata hin ta’in Soofiin galata hin tatuu!
5 dhugaa dubatanii Fuula namatti dhiitee bulanii!
6 namii dhugaa hin quufiinni dhuguulle hin quufuu
7 dhugaa waaqaa hin dhossaani qullaa lafa hin dhossaan
8 Dhugaan yoo afaan qabatanii Fuunaani Xiixi!
9 oddessaa jiruu , Oddeeffata jiruu, ilmii Gudeeda hin dhokkatuu!
10 nama ganamaa dansummaan himaan galagalaa hammeennaan himuun nama dhibdii!
11 oobjuu sodaaf hirriba hin dhabani!
12 waan Waaqaa inn beekanii haadha waaqoo naan jedha jettee ta gaante!
13 kha du’a Eeganii Jaarsaa Kha du’u ijoollee
14 Teennaa hin beennu Teennee hin boonuu jette jaartiin du’a ufii duddubatti sodaattee
15 Gurrii abbaa Duuba Deema
16 Galaatti badee haaloo , haaloon badee yaaruu!
17 Dheekkamsa Huqqinnan galee Gabbinnaan hin Eegatani
18 Afaan Okolee Waaqqaati isaatti waan kheessaa buusuu bekha
19 waan intalti heerumteef haatiilleeni inuma beetti
20 haaloon abbaa hin barbaaduu Addeenna barbaadi
21 harka hanna baratee murqiichaatu ( kootichatti ) Munyuuqaa 
22 Reeffii akka Abbaan ciisuu ciisaa
23 niitiin bifaan warra ufii fakkaatii amalaan ammoo dhiirsa ufi fakkaatii
24 sooressi tolu maa’essi tola
25 qoosaa kheessaa qooftuun jirtii
26 bishaaniifi dhiiraa guddooti nama dabsataa!
27 akaawwiin dhiiraa dura lama hin gubatuu!
28 tokko dhuufuun namummaa ta lammeessoo ammoo harrumma
29 loon maaniif guyyaan galchitee jenaani alii fagoo jirra re itti raruu male jettee tissituun
30 namii dha’aa naacha qabuu bisaan dhugee hin lakkisuu
31 karaan sobaan bahani deebii nama dhibaa
32 simphirree lafa lafa afaan akka akka ( gosa gosa)

33 gara garan itti laalate miila itti laaleessan
34 Galaattaf Haaloo bulte ilmeetti dabarfatan
35 namii waaqani jirru wal irraa hin jiruu

36 Nyaataa Qaroo ujjii Qaxaroo
37 Reeffa Nama ufii ( Torba) (Sagalii)( 7)(9) gaargagalchaani
38 abbuu waan qabuunii Gabayaa bahaa
39 yoo taatee re’een foora yaati
40 adoo farda hin bittinnuu lichoo hin bittinni
41 kiyyiibba quufa xeeriitti ibiddaa Aafuuffaa
42 ufumaan sii kheessaa jiddi akka dhalaa buutii
43 hiyyeessaa garaa kutattee bishaan raafuutti Gabbisa
44 beeltti wa kajeellti sodaan wa abaarti
45 Adoo akka Waraabessi yuusun loon moonaa dheetani namuu silaa yoonaa loon hin qabu
46 mucaa yaabbii tissee walgula hin galchine loon guula hin baasani
47 illaa Waa hin arginni agoogooni dharraa
48 qoosaa kheessaa qooftuun jirti
49 warabessa doogamsuu dhaqee rimaan galee 
50 ilkaan abbaa khoblaatti 
51 maraataa ufii abbaatti hidhata
52 wal dabraa hin gabbiichuu sifaa Gabbichii
53 kinisaalle kha nama nyaatu kheessaa waa nyaatanii
54 harree ardan duuba qubatee
55 yookhan Tulluu ta’ani yookhaan tulluutti irkatanii
56 kaa jiraate nama hin oolchine , du’e nama hin ballessuu
57 Nama foon bekhu sombaan hin sobani
58 cubbuun tokko dhaqabii tokko sirriiqi
59 Fuula waaqaatti nama midhaasaa deemaa abbaatti midhaafta
60 Aadaan hanqoo jibbitii malee babadda hin jibbitu
61 kiyyibbi dhiiraa sooranitti
62 maandhaan angafaatti gamtee hin toltuu
63 fardii kophaa gulufuu hin mo’amuu
64 Fardi harree waliin oolee dhuufuu barataa
65 ballaan walti boo’u imimmaan wali hin arguu
66 midhaafatanni midhaagaa ijjeeftani
67 ijoolleen aga mukha kutuu dubbii kutii
68 sareen adoo biyya duttu kheessaa ufii dutti!
69 ufii jajjuun hantuuta eegee gad hin qabatuu
70 Adoo farda hin bittini lichoo hin bittinni
71 utubaan aga dhiibbaan qaba aga dhiisaan qaba
72 waan lafa fuutaa irratti waani ukaa buuteen
73 waan warrii waariiti dubbatuu ijoollee waareeti dubbatii
74 namii daallee gorsee nama dhakaa kosse
75 itt goomtii ballaa iltii dhooxi
76 adoo kaa baattu hin dadhabinnuu kha baattan dadhabaa
77 urjiin baayyatteef jedhe ji’i hin dhoksuu!
78 duudaa ufii abbaatti afaan beekha
79 loon kormaa hin qabnee sangaati itti mo’a
80 tokkochii deegaa moggaa dheedaa
81 agattu ette kadhattuun
82 garaan haadhaa bofaaf buuttii baataa
83 sagalee Guddo boshooftuu mana sagalee diqqoo miyooftuu wayaa
84 udduu gudinii dhuufuu hin dhoowuu
85 dhiiraa jirtuu dhiiromii hin jiruu
86 obsaan qalloman
87 harka arganaan lukaa hiixeffatee

Rooba Liban