News

Aanaa Dillootti hawaasni aadaa buusaa gonofaatin wal deeggare.

By , June 5, 2022 12:14 pm

Godina Booranaa aanaa Dillootti hawaasi bonaan miidhame akkaatuma wal caalaa fooyyee qabuun aadaa buusaa gonofaatin horii qeencaa waliif kennuun wal qarqaare jira.

Aanaa Dillootti jiraattonni gandoota jahaa: Liisoo, Qancaroo, Dilloo Baadiyaa, Bilaala, Cirrattee fi Maagolee abbootii warraa 439 kan hongee mudateen gumaa guutuu dhabaniif (loon hundi jalaa dhume) deeggarsii horii qeencaa karaa buusaa gonofaa hawaasatiin taasifamee jira.

Aabba Roobaa Dabbasaa itti gaafataa waajira Buusaa Gonofaa aanaa Dillooti. Aabba Rooban waan jedhu: Horsiisee bultoota hoolan horii jalaa fixxe kanneeniif re’ee fi looni warra fooyyee qabaniin walitti guuramanii buusaaf gonafaan taasifamuu hima.

Jiraattonni aanaa Dilloo kan buusaa gonofaa warra horii dhabeef taasisan tokko tokko akka jedhanitti, buusaa gonofaan aadaa isaanii ta ganamaa kan waliin deeggaraa turan waan taateef tanuma irraa ka’un akka aadaa teennaa gula, onaa ollaan mariyannee buusnee walii gonofaa jirra jedhan.

Horsiisee bultoonni horiin jalaa dhume kan karaa buusaa gonofaa hawaasan deeggaraman, rakkoo bonaantin horiin isaan jalaa dhumuu himanii, deeggarsa karaa buusaa gonofaa hawaasatiin isaanii taasifameef galata galchan.

Bulchaan aanaa Dilloo aabba Boruu Diidaa hawaasii oolaa dhufteen guddoo miidhamuu dubbatan. Oolaa sun uumata dandamachiisuuf qaamoleen garaagaraa deeggarsa gochaa akka turan hima. Amma immoo karoora mootummaan gadi buuse bu’uura godhachuun hawaasi aadaa buusaa gonofaa ta duriiyyuu Boorana keessa turteen akka walqarqaaruf hojiin hojjatamaa turuu dubbatan.

Aabba Boruun itti dabaluun deeggarsii buusaa gonofaa hawaasan taasifame kun kan gosaa fi miiloon wal deeggaran ture. Kan ammaa kun immoo gosaa fi miiloon osoo hin taanee, akkaatuma ollaan walitti dhiyaatun hawaasii waliif buusee gonofe jedhan. Hojiin buusaa gonofaa hawaasaa babal’achuu akka qabus Boruu Diidaa dhaamanii jiru.

Maddii oduu tanaa OBN.

BGM