News

Afrikkaa Kibbaatti darggaggootii 21 mana dhugaatii farsoo keessaatti du’anii argaman

By , June 27, 2022 2:34 pm

Afrikkaa Kibbaatti namii 21 mana dhugaatii farsoo itti gurguran keessaatti du’anii argaman. Akka poolisiin jedhuutti reeffii warra du’ee mallattoo yokaan madaa womaatuu hin qabu. Haga ammaatti sababii du’a warraa hin beekkamne. Sababa du’a isaanii beekuuf qorannoon tolfamaa jira jedha poolisiin.

Warrii mana dhugaatii keessaatti du’e kun nama akka malee gannaan didiqqaati. Akka poolisiin jedhuutti ijoollee ganna 13 fi 17 jidduu jirtu. Seera Afrikkaa Kibbaa keessaatti nama waggaa 18 gadiitti farsoo gurguruun dhowwaa. Warrii ijoollee tanaaf farsoo gurgure seeraan akka gaafatamu poolisiin dubbata.

Namii tokko tokko akka ijoollee tana suunkii obaasanii ijjeesan dubbata. Haga ammaatti garuu qorannoon waan kana mirkaneesse hin jiru. Wantii akka malee uumata naannoo sun jiraatu rifachiifte. Keessumaatti maaf akka ijoolleen didiqqoon mana farsoo seentu eeyyamaniif jedhee namii hedduun guddoo dalanne.

BGM