News

Godina Konsootti namii 13 beelaan du’e

By , July 7, 2022 11:09 am

Kibba Itoophiyaa zoonii Konsootti namii 13 akka beelaan du’e himama. Bulchoota Godinaa keessaa namii tokko oduu tana mirkaneessee jira. Akka innii jedhuutti bokkaan atoo hin roobiin waan tureef namii waan nyaatu dhabee lafa jireenna isaanii irraa baqatee fulaa akka akkaatti godaanee jira. Lakkoofsii ijoollee hanqinna nyaataatiin miidhamee guyyaa guyyaan daramaa deema. Haga ammaatti ijoolleen 240 oli miidhaa hanqinna nyaataatiin akka hospitaala ciisan dubbata.

Gama mootummaatiin gargaarsii akka warra rakkoo nyaataa qabaniif kennamu BBCtti himan. Walumaa galaatti biyyoota gaanfa Afrikkaa keessaatti ijoolleen waggaa 5 gadii miliyoona 7tti lakka’aman miidhaa hanqinna nyaataa akka qaban dhaabbatii gargaarsa addunyaa hima. Kibba Itoophiyaatti roobii atoo hin roobiin waan tureef namii miliyoona 18 akka bona/hongeen miidhame himan. Yo gargaarsaa fi furmaatii karaa maleen hin kennamin lubbuun nama hedduu akka du’aaf saaxilamtu dhaaman.

BGM