News

Itoophiyaatti hanqinnii bobaa’a rakkoo ta’e

By , July 7, 2022 4:49 pm

Ministerii daldala Itoophiyaa guyyaa 05.07.2022 A.L.A tti gatiin bobaa’a akka daramu beessisee ture. Gatiin haaraan akka armaan gadiitti darame:

  • Gatiin Beenziinaa liitiraan Birrii 47 fi saantima 83
  • Gatiin Naafxaa Adiin liitiraan Birrii 49 fi saantima 02
  • Keeroosiiniin Liitiraan Birrii 49 fi Saantima 02

Gatiin daramuun biraatti, bobaa’a argachuun rakkoo waan ta’eef saatii 8 haga guyyaa lamaatti dhaabbatanii eegachuun abbootii geejjibaa rakkisee jira. Eegii waraanii Raashiyaa fi Yukrayn jidduutti jalqabe gatiin boba’aa addunyaa keessaatti akka malee daramee jira. Gatiin daramuu biraatti ka Itoophiyaa adda tolchu boba’aan argamuu dhabuu. Rakkoon hanqinaa dhiyeessa bobaa’a moo daldaltootaatti seeraan alaatiin boba’a gurgurata? Yo gurgurtaa seeraan alaa ta’e to’achuun maaf dadhabame? Rakkoon kun eegii jalqabee bubbulee jira.

Gaatiin boba’aa daramuun qalaa’insa jireennaa duraan ture hagas irra hammeessuuf deema. Hanqinna roobaatiin walqabatee uumatii hedduun rakkoo nyaataa fi dhugaatiitiin miidhamaa jiru. Gama biraatiin rakkoon nagaa akkuma ta’eetti jira. Kun cufa yo furmaata hin argatin haalii biyyitii gara abdii nama kutachiisuutti tarkaaffachuuf deema.

BGM